Walitti dhufeenya uumamaafi dhala namaa sirritti walitti hidhuuf sagantaa ashaaraa magariisaa irratti hirmaachuun dirqama lammiileeti ta’uu akka qabu Birahaanuu Naggaa (piroof.) himan

You are currently viewing Walitti dhufeenya uumamaafi dhala namaa sirritti walitti hidhuuf sagantaa ashaaraa magariisaa irratti hirmaachuun dirqama lammiileeti ta’uu akka qabu Birahaanuu Naggaa (piroof.) himan

AMN PLUS- Adoolessa 24/2017

Walitti dhufeenya jireenyi dhala namaa uumama wajjiin sirritti walitti hidhuuf sagantaa ashaaraa magariisaa irratti hirmaachuun dirqama lammiilee ta’u Ministirri Barnootaa Birahaanuu Naggaa (Piroof.) ibsaniiru.

Itoophiyaa biyya Ijoollee keenyaa fi Ijoollee ijoolleekeenyaaf mijattuu taate uumuuf amuma itti gaafatamummaan hojjechuu qabnas jedhaniiru.

Dhaloonni dhufu barnoota qofa osoo hin ta’in addunyaa mijooftuu dhaalu qabu, bu’aa kana fiduuf ammoo lammiileen hunduu itti gaafatamummaan sagantaa ashaaraa magariisaa irratti hirmaachuu akka qaban Piroofeesar himaniiru.

Wanni raawwachaa jirru siyaasaa miti kan jedhan Ministirri Barnoota, walitti dhufeenya jireenya dhala namaa uumama wajjin qabu beekumsarratti hundaa’uun sirritti walitti hidhuun barbaachisaa ta’u akeekan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply