Biqilootni Miliyoona 700 ol kan dhaabaman iddoowwan kaartaan isaaniif qophaa’erratti tahuu Qindeessaan Koree Teekinikaa Ashaaraa Magariisaa Biyyaalessaa Adafiris Warquu (Dr.) ibsaniiru.
Lafti Bayyanachuu danda’u heektaara miliyoona lama dhaabbiif qophaa’uu eeruun, kana keessaa lafti heektaarri kuma 668 kaartaan qophaa’eeraaf jedhan.
Haaluma kanaan biqiltuun kun bakki kuma 13 fi 84 qophaa’ee, lafa heektaara kuma 294 ta’e irratti biqiltuun dhaabbachaa jira jechuun ibsan.
Qindeessichi sababa biqiltuun bakka kaartaan alatti tahe irratti dhaabbatu waan jiruuf lakkoofsi kun kanaa ol ta’uu akka danda’u eeraniiru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif iddoo biqiltuu kuma 116 keessatti biqiltuun bosonaa biiliyoona 3.5 fi bosona walmakaa biiliyoona 4 qophaa’uus hubachiisaniiru.
Adafiris (Dr.) aadaan biqiltuu biyya keessaa dhaabuu yeroo dhiyoo asitti babal’achaa dhufuus himaniiru.
Qindeessaan kun sagantaan biqiltuu miiliyoona 700 guyyaa tokkotti dhaabuu, lammiileen Itoophiyaa tokkummaa isaanii cimsuuf carraa gaarii ta’uu ibsaniiru.