Namiticha daandiirra jiraatu, dorgommii fiigichaa akka tasaa itti makamuun fiigee injifate

You are currently viewing Namiticha daandiirra jiraatu, dorgommii fiigichaa akka tasaa itti makamuun fiigee injifate

‎AMN PLUS – Hagayya 06/2017

‎Isaaq Doos Saantoos jedhama. Biraazilitti jiraatan magaalaa Gaaraavaawoo Doo Noortee yoo tahu araadni dhugaatii isaa hammaachuun daandiirra akka jiraatu taasise.

‎Maarree tibbana, akkuma Amala isaa dhugaa bulee ganama yeroo kahu dunquqquun qabee, dhukkubbiin mataa itti hammaate.

‎Osoo maal akka godhu dhabee rakkatuu, atileetotni gurmuun fiigan daandii isaarratti dhufan.

‎Yeroo kana yoon isaan faana fiige mata-dhukkubbiinis na dhiisaa, dunquqquunis narraa deema jedhee waan yaadeef itti makamee fiiguu jalqabe.

‎Namootni dorgommii kana daawwataa turaniifi daandiirra turan Haalli nama mana dhabeessa kanaa ifuufii baatus dorgommicha osoo addaan hin kutin,atileetota fiigaa jiran dursuu isaan miira ajaa’ibsiiffannaa keessa galuun isa hordofuu eegalan.

‎Wanti xiyyeeffannaa addunyaa akka argatu fi miidiyaa hawwaasummaa irratti viidiyoon fiigichaa isaa akka gadi lakkifamu taasise fiigichicha irratti hirmaachuu isaa qofa miti.

‎Isaaq dorgommii kanaaf galmaa’uu baatullee Kiiloo Meetira Saddeet (😎 fiigee injifachuun medaaliyaa badhaafamuu isaati malee.

‎Fiigichi inni mata-dhukkubbii isaa balleessuuf itti makamee, jireenya namticha kanaa jijjiire jechuun gabaafameera.

‎Namtichi kun akka inni itti fiigu kaameeraa dirooniin kan waraabame yoo tahu ariitiin miilla isaa, haalli uffannaa isaa fi waliigalaan haalli inni keessa jiru miidiyaa hawaasummaarratti gadi lakkifameera.

‎Af-gaaffii godhameefiin ani alkoolii dhugaan ture, garuu yeroon tuuta dorgommii sana ilaalu, amma fiigichatti deebi’uuf murteesse,” jechuun haala ittiin dorgommichatti makame ibseera.

‎Manni Qopheessaa magaalichaa, Isaaq erga gaafa sanaa daandiirratti osoo sochii qaamaa taasisuufi fiiguu mul’achaa jira jechuun kan ibse yoo tahu, carraan kun jireenya isaa jijjiire jechuun beeksiseera.

‎Isaaqis dhugaatii dhiisee dorgommiiwwan biroof of qopheessaa jiraachuu miidiyaa hawaasaa dhiyeenya banate irratti qoodeera.

‎Madda:Odiitii Sentiraal

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply