AMNPLUS- Hagayya 07/2017
Itoophiyaan egeree ishee seenaa fi kalaqaan faaytee dhaloota jiruufi dhaloota egereef wal simsiiftee hambaa kaa’aa jirti jedha Barruun Travel and Tour World.
Barrun kun tarsiimoo turizimii Itoophiyaa kana dura seenaa qofaa irratti xiyyeeffatee ture yeroo dhihoo as jijjiiramuun, seenaa darbe haaressaa, badhaasa uumamaa dhokate ifatti baasuun ammayyummaa itti ida’amee imalli haaraan eegalamuu kaasa.
Durumaa badhaatuudha. Biyya Uumaan qabeenya uumamaa ajaa’ibsiisoon ishee faaye.
Teessumni lafaa, qilleensi, qabeenyi uumamaa, hawwattootni tuuristii ishee uumamaafi nam-tolcheen qalbii hawwataa bohaarsuurra darbee sadarkaa idil-addunyaatti akka beekaman taasisee jira.

Biyyattiinis yeroo ammaa hawwattoota tuuristii ajab jechisiisan durii, teessuma lafaa qalbii namaa hawwatuufi hawwattoota tuuristii jabanaa, hambaalee seenaafi aadaan badhaadhan, guddina yeroon eyyemu, ammayyaa wajjin wal simsiisuun gara fuulduraatti tarkaanfachaa jirti jechuun eere.
Kanneen keessaa manneen amantaa dhagaadhaan bocaman kan akka Laalibalaa fi gaarreen Dinqisiisoo ol-ka’iinsa olaanaan beekaman kan akka Gaarreen Kaabaa (Semien Mountains), Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee hanga Pirojektiiwwan haaromsa magaalaa Finfinnee gurguddoo tahanii fi pirojektii buufata xiyyaaraa Doolaara Biiliyoona 7.8tti tilmaamamutti, Itoophiyaan egeree ishee seenaa fi kalaqaan faaytee dhaloota jiruufi dhaloota egereef wal simsiiftee hambaa bara baraa, ammayyummaan itti dagaage ol kaa’aa jirti.
Biyyattiin gama Turizimii loojiiwwan faalama naannoorraa walaba tahan, riizoortiiwwan sadarkaa olaanaatti keessatti bashannananiifi, hawwatni tuuristii haaraa kan akka Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa, yeroo gabaabaa keessatti hojii eegalu wixintee galmaan gahuun beekamti.
Innisheetiivii turizimii itti fufiinsa qabu, qabeenya naannoofi bu’uuraalee misoomaa sadarkaa addunyaatti fudhatama argatan ijaaruu dabalatee, daawwattootni seenaa durii, aadaafi duudhaa uummataa socho’aafi socho’aan taane, ammayyeessuun giddu gala tuurizimii addunyaa tahuuf qophii ishee xumurtee jirti.
Kana galmaan gahuufis, Sagantaan Maaddii Biyyaaf (Gebeta Lehager) karoorri qabamee, hojiitti hiikamaa jiru gahee guddaa taphatee jiraachuus barruun kun ni hima.
Biyya seenaa fi hambaalee aadaa badhaadhaa ta’een kan faayamte Itoophiyaan, faaya seenaa durii miidhagina ammayyaan waliin firoomsitee jijjiirama ajaa’ibaa keessa jirti jedha Travel and Tour World
Manneen amantaa dhagaadhaan bocaman addunyaa irratti beekamoo ta’an Lalibela irraa kaasee hanga fiixee gaarreen Kaabaafi Baalee dinqisiisaa ta’etti, lafti turizimii Itoophiyaa yeroo dheeraaf namoota seenaa jaallataniif maagneetii ta’ee ture.
Haa ta’u malee, biyyattiin amma bara haaraa, bu’uuraaleen misoomaa ammayyaa, ikoo-tuurizimii, fi misoomni ammayyaa egeree turizimii Itoophiyaa irra deebi’anii bocaa jiru hammattee jirti.
Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa: Siidaa Hawwataa
Magaalaa guddittii bira darbee Itoophiyaan bu’uuraalee misoomaa ammayyaa tuuristoota addunyaa irraa harkisan irratti hojiiwwan gurguddoo hojjataa jiraachuus hime.
Fulbaana bara 2017’tti eebbifamuuf kan jiru Hidhi guddichi Haaromsa Itoophiyaa (GERD) madda annisaa murteessaa ta’uu qofa osoo hin taane hawwata turizimii guddaa ta’ee tajaajila.

Kuusaan bishaanii bal’aan hidhichaa odola 70 ol kan hammate yoo ta’u, carraa ispoortii bishaanii fi sochii boqonnaa biratti riizoortiiwwan mimmiidhagoo, hoteelota abbaa urjii 5, fi tajaajiloota biroo ni qabaata jechuun Travel and Tour World barreesseera.
Pirojektiin siidaa hawwataa kun Afriikaa keessatti bakkeewwan hawwatoo bishaan irratti ijaaraman keessaa, uumamaan faayameefi ammayyummaan calaqqisiifamee, isa adda duree taha.
Hawwatootni Tuuristii Itoophiyaa Biroohoo maal fa’i?
Qabeenya Uumamaa Naannoleeti.
Naannoleen Itoophiyaa keessatti argaman garaa garaa hawwata tuuristii isaanii osoo uumama isaa duraanii him gadhiisin kalaqaafi miidhagina dabalatanii saffisaan babal’achaa jiru.
Kunis ikoo-tuurizimii itti fufiinsa qabuu fi hirmaannaa hawaasaa irratti xiyyeeffate babal’isuuf yaadamee hojjatamaa jira.
Isaan keessaa tokko Koyishaafi Halaalaa Kellaan Isa tokkodha jedheera.
Naannoo Kibbaatti hawwatni tuuristii argamu kun Ikoo-Tuurizimiin aadaa ummataan wal-simee guddachaa jiraachuu isaaf agarsiistuudha.
Gama biraan, Paarkiin Biyyaalesaa Cabaraa Curcuraa, dawoo bineensotaafi biqiltoota hedduu yoo tahu, loojiin arbaa, bakka itti daawwattootni kallattumaan arbaafi gafarsa itti daawwatanidha.
Gorgoraan ammoo kallattii Kaabaatti qarqara Haroo Xaanaatti argama. Hoteelli sadarkaa isaa eeggate bakka itti ijaarame yoo tahu daawwattootni Haroo kanarra dambali’aa, manneen amantaa seena qabeessa garaa garaa daawwattu jechuun hawaasa addunyaaf eere.

Haroon wancii ammoo gama biraan Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Lixaafi Shawaa Kibba Lixaa jidduutti yoo argamu, daawwataan garasitti imale haroo miidhagaa dhohiinsa Voolkaanoon uumame irra bidiruun yabalee, teessuma lafaa uumamni miidhagseen bohaaree, fardaan gulufee, simannaa ho’aa hawaasa Wanciitti gammadeefi eebbifamee deebi’a.
Kan akka gammoojjii Shabal tuuristii harkisu ammoo naanno Somaalee keessatti Riizortii haaraa argataa jira. Haalli teessuma lafaa isaa hawwataadha, aadaan isaas gabbataadha.
Tigraay keessatti kan argamu Garaaltaan ammoo manneen amantaa qarqara Lafa ol ka’aa irratti ijaaramaniin beekama.
Yeroo ammaas daandiin fooyya’aa, wiirtuun daawwattootaa fi daandiin ittiin ol ba’an hojjatamaa jira.
Masaraan Abbaajifaar Jimmaatti argamu goda hambaa aadaa ta’ee, hambaa mootota Oromoo kunuunsuun bakka barnootaa seenaa tahaa jira.
Holqoota Afrikaa keessatti dheerinaan beekaman keessaa tokko kan ta’e Holqi Soof Umar, Oromiyaa, Baalee keessatti argamus madda Ibsaan akka seenuufi keessa socho’uuf hojiin fooyyessuu hojjatameera, kunis qorattootaaf haala mijataa uumame, kanneen daawwataniifis bashannansiisaa taha.
Gaarreen Baalee daandii miilaa gaara ittiin ol bahan, loojiiwwan naannawa sanaaf bu’aa argamsiisan, fi bakka irra dhaabbatanii bineensota bosonaa daawwatan babal’achaa yoo jiraatan bakka heddumminni lubbu qabeeyyii itti argamu ta’uullee eere.
Itoophiyaan, Tajaajila Tuurizimii kana ammayyeessuun haala itti daawwataan, seenaa duriifi aadaalee garaa garaa bakka tokkotti daawwachuun bashannanu, qabeenya uumamaa hanga bineensotaatti daawwattu, Ispoortii irratti hirmaatuufi bashannanaa boqonnaa ittiin argatu, tooftaalee garaa garaatti dhimma bahuun hawwattoota tuuristii ammayyeessuun yeroo faana akka tarkaafatan taasisaa jiraachuu Travel and Tour World hime.

Hawwattoota Tuuristii hedduu Dhaabbata Aadaa, Saayinsiifi Barnootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii UNESCO irratti akka galmeessiste ni yaadatama.
Karra Addunyaa tahuun Pirojektii Buufata Xiyyaaraa Guddaa Afrikaa Ijaaruuf kan wixinte Itoophiyaan, Buufata Xiyyaaraa guddaa kanas bara 2029’tti banuuf karoorsiteetti kan jedhu barruun kun, Kunis karra Addunyaa tahuurra darbee madda Tuurizimii Guddicha taha jedhamee eegama.
Aadaa fi seenaa durii bu’uuraalee misoomaa ammayyaa waliin walitti hidhuun Itoophiyaan turizimii Afrikaa keessatti sadarkaa haaraa kaa’aa jirti.
Biyyattiin balbala ishee bal’inaan addunyaaf banattee, Itoophiyaan giddu gala turizimii fi invastimantii Afrikaa keessaa tokko ta’uuf si’aa’inaan hojjataa jirti.
Cimina hooggantootaa, jaalalaafi tokkummaa lammiiwwan ishee, harkoota dhama’e osoon jedhin jabaatanii hojjatan waliin tahuun, aduun Itoophiyaa bahee, ijoollee isheef ifu fagoo miti.
Madda: Marsaritii Tour and Travel
Malkaamuu Abbabaatiin,