Muummee Ministira Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa pirojektoota adda addaa daawwachuuf magaalaa Dirre Dawaa dhaqan.

You are currently viewing Muummee Ministira Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa pirojektoota adda addaa daawwachuuf magaalaa Dirre Dawaa dhaqan.

‎AMN PLUS – Hagayya 13/2017

‎ Muummee Ministira Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa hojiiwwan misooma kooridarii dabalatee pirojektoota adda addaa magaalattii keessatti hojjetamaa jiran daawwachuuf Dirre Dawaa dhaqaniiru.

Muummee ‎ Ministira Itti aanaan ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin, Itoophiyaa xiqqoo, jannata gammoojjii, magaalaa sabaafi sablamoota kan taate magaalaa jaalalaa Dirree geenyee jirra jedhan.

‎ Kantiibaa Itti Aanaan Bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa, hoggantoota olaanoo magaalichaa, manguddootaa fi ummanni magaalichaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Dirree Dawaatti simannaa ho’aa taasisuun kan simaataniif galateeffataniiru.

‎Turtii isaanii keessatti hojiiwwan misooma kooridarii dabalatee pirojektoota adda addaa magaalicha keessatti hojjetamaa jiran akka daawwatan ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply