AMN Onkololeessa 8, 2017
Itoophiyaan biyyoota miseensa BRICS waliin damee Daldalaa fi Invastimantiin hojjechuuf qophii ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad fooramii Biiznasii BRICS Raashiyaa magaalaa Mooskootti gaggeeffamaa jirurratti haasawa Zuumiin taasiisaniin, Itiyoophiyaan tumsa Invastimantii, Daldalaa fi Diinagdeef biyya mijattu ta’uu ibsaniiru.
Itoophiyaan biyyoota miseensa BRICS biroo waliin fedhii tumsa diinagdee qabaachuu himuun, Diinagdeen Itiyoophiyaa saffisaan guddachaa jiru carraa Invastimantii, tumsa Diinagdee fi Daldalaa murteessoo ta’an qabaachuu kaasaniiru.
Sadarkaa Afrikaatti carraa gabaa bal’aa uumuuf biyya dandeettii qabdu ta’uu dubbataniiru.Itoophiyaan yeroo dhiyoo tarkaanfii sharafa alaa gabaan durfamu fudhachuu ibsuun, kunis Invastimantii kallattii alaaf haala mijataa uumuu eeraniiru.
Biyyoonni miseensa BRICS ta’an dameewwan kanneeniirratti karra Afrikaa kan taate Itoophiyaa keessatti invastii gochuun fayyadamoo ta’uu akka qaban ibsaniiru.