AMN – Muddee 19/2017
Hidha Haaromsa Itoophiyaa Guddichaa fi naannolee biyyattii adda addaa keessatti oomishni qurxummii bal’inaan hojjetamaa jiraachuu Deetaan Ministeera Qonnaa Fiqruu Raggaasaa (Dr.) ibsaniiru.
Itoophiyaatti qabeenyi bal’aa fi haalli mijaa’aan guddina omisha qurxummii jiraatus xiyyeeffannaan malu akka hin kennamne.
Haata’u malee jijjiirama biyyattii keessatti dhufe hordofuun guddina qonnaaf xiyyeeffannaan addaa kennamee oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa jira jedhan.
Haaluma kanaan Hidha Haromsaa fi naannolee biyyattii adda addaa keessatti oomishni qurxummii bal’inaan hojjetamaa jiraachuu Deetaan Minsiteera ibsaniiru.
Gama horsiisa qurxummiitiin, keessumaa Hidha Haaromsa Itoophiyaa Guddichatti hojiin misoomaa bal’aan hojjetamaa akka jiru eeruun, torbee lama dura qurxummiin toonii 56 akka oomishame himaniiru.
Biyyattii keessatti qurxummii baay’inaan oomishuuf carraan guddaan akka jiru kan ibsan Doktar Fiqiruun, hojiin bu’uuraalee misoomaa kanaaf barbaachisan bal’inaan hojjetamaa jira jedhan.
Misooma damichaarratti bobba’uu kan barbaadan hundaaf Ministeerichi deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu TOIttu gabaase.