Dhaabbanni Abbagaarii Ummataa Itoophiyaa mirga heera mootummaatiin namoonni odeeffannoo fi yaada walitti qabuu, fudhachuu fi tamsaasuuf qaban eegsisuuf Labsii Bilisummaa Odeeffannoo qopheesse jedhan Abbagaarii Olaantuun Aadde Simmany Wuube.
Dhaabbanni Abbagaarii Ummata Itoophiyaa Labsii Bilisummaa Odeeffannoo of danda’ee qophaa’e kana irratti hooggantootaafi ogeeyyii kominikeeshinii federaalaa, naannoo fi Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin Adaamaatti mari’achaa jira.
Dhaabbanni Abbagaarii Ummata Itoophiyaa heera mootummaa FDRI keewwata 55 Keewwata Xiqqaa 15 tiin dhaabbata dimokiraatawaa heera mootummaatiin hundeeffame yoo ta’u; Labsii Lakk.211/1992 kan mirkanaa’e ta’uu ni yaadatama.
Dhaabbata Abbagaarii Ummata Itoophiyaatti Abbagaarii Olaantuun Aadde Simmany Wuubee akka jedhanitti; Bilisummaa Odeeffannoo qorachuu, qorannoo gaggeessuu, hubannoo uumuu fi raawwii hojii hordofuu labsii Lak.590/2000 Lakk.3 jalatti too’achuu akka gahee qabu ibsaniiru.
Bilisummaan odeeffannoo jalqaba akka lakkoofsa Itoophiyaatti bara 1946tti Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti beekamtii akka argate yaadatama.
Yaa’iin Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii bara 1948 Labsii Mirgoota Namoomaa Waliigalaa keewwata 19 irratti bilisummaan odeeffannoo akka mirga dhala namaa bu’uuraatti beekamtii kennamuun isaa yaadatama.
UNESCOn gabaasa bara 2024 baaseen Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa 34fi biyyoonni addunyaa 139 seera bilisummaa odeeffannoo baasuu isaanii beeksiseera.
Haaluma kanaan bilisummaan odeeffannoo biyya keessaa sadarkaa idil-addunyaatti fudhatama akja argatu hubachiisaniiru.
Itoophiyaan bara 1993tti Mirgoota Siivilii fi Siyaasaa irratti Waliigaltee erga mallatteessitee booda bilisummaa odeeffannoo fudhachuu fi dabarsuu akka dandeessu ibsaniiru.
Heerri mootummaa Federaalaa Rippabiliika Itoophiyaa namni kamiyyuu odeeffannoo fi yaada walitti qabuu, fudhachuu fi tamsaasaa akka qabu gamaggamuu ibseera.
Murtii Bilisummaa Odeeffannoo hojiirra oolchuuf dhaabbileen miidiyaa Labsii Bilisummaa Odeeffannoo Lakk.590/2000 keessatti tumaalee bahan baay’ee ta’uu ibsaniiru.
Labsichi namni kamiyyuu qaama mootummaa kamirraayyuu odeeffannoo gaafachuu, fudhachuu fi dabarsuu, akkasumas yeroo murtaa’e keessatti odeeffannoo kennuu akka qabu ibeera.
Haa ta’u malee, daangeffamni Labsii kanaa qaamotni mootummaa dirqama isaanii yeroo ba’uu dadhaban sirna raawwachiisummaa kan hin hammanne ta’uu isaa, akkasumas tumaaleen odeeffannoo hin ibsamne hiikamuu kan qaban ta’uu ibseera.
Kanumaarraa ka’uun mirga heera mootummaatiin odeeffannoo fi yaada walitti qabuu, fudhachuu fi dabarsuu eegsisuuf labsiin haaraan mootummaa fi Dhaabbanni Abba Gaariin itti amane qophaa’u isaa TOI gabaaseera.