Gidiraa waggaa 13, wal’aansa baqaqsanii yaaluu sa’aatii 4’n

You are currently viewing Gidiraa waggaa 13, wal’aansa baqaqsanii yaaluu sa’aatii 4’n

‎AMN PLUS – Hagayya 14/2017

‎Hawwii Alamuu, shamarree Naannoo Oromiyaa, Godina Bunnoo Beddellee, Aanaa Cooraa keessa jiraattudha.

‎Daa’imummaa isheetti wanti xannachi dhiitoo fakkaatu, bobaa ishee mirgaa jalatti ba’e guddataa adeeme. Dhaabbilee fayyaa naannawa isheetti argamanitti wal’aanamuuf yaaltus jijjiirama hin agarsiifne.

‎ALI’tti Bara 2007 hospitaala Bunnoo Beddelleetti wal’aansa baqaqsanii yaaluutiin xannachi kun haa baafamuuf malee waggaa lama booda hammi isaa dabalee dugda ishee irratti ammas ba’e.

‎Ogeessotni fayyaa irra deddeebiin xannacha kana wal’aansaa dhabamsiisanuufillee, itti caalee hamma miila isheetti gahe.

‎Dhiitoon daa’immummaa ishee waggaa Sadiitti ishee eegale, hamma umuriin ishee 15 ta’utti wajjin jiraate.

‎Bakka garaa garaatti yaalamtee, hin danda’amne. Kanaaf, wal’aansa fooyya’aaf gara Hospitaala Yakkaatiit 12’tti ergamte.

‎Ogeessa Baqaqsanii Yaaluu Doktor Geetaaw Alaamnee fi waahillan isaanii wal’aansa baqaqsanii yaaluu kaleessa jechuunis Hagayya 13, bara 2017 taasisaniin xannacha kana akka dhabamsiisuu danda’aniiru.

Wal’aansi kun sa’aatii 4 kan fudhate yoo ta’u, shamarreen kunis gidiraafi dhukkubbii waggoota 13’f baattee turte irraa obbaafachuu dandeesseetti.

‎Xannachi kun gosa garaa garaa sadii kan qabu yoo tahu, maatiin mallattoowwan addaa xannacha ykn dhiitoo fakkaatan qaama ijoollee isaanii irratti yoo argan gara Dhaabbata fayyaatti akka geessan dhaamaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply