Itoophiyaan walga’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa fi walga’ii Afrikaa-Itaalii 2ffaa irratti jila olaanoo hirmaachuuf dhufan yeroo kamiyyuu caalaa simachuuf qophooftee jirti-MM Abiyyi Ahimad(PhD)

You are currently viewing Itoophiyaan walga’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa fi walga’ii Afrikaa-Itaalii 2ffaa irratti jila olaanoo hirmaachuuf dhufan yeroo kamiyyuu caalaa simachuuf qophooftee jirti-MM Abiyyi Ahimad(PhD)

AMN PLUS-Guraandhala 4/2018

Galmawwan walga’ii idil-addunyaa qulqullina olaanaa fi bifa ammayyaa qabuun ijaaraman, akkasumas iddoowwan gahumsa tuurizimii mijatoo fi ammayyaa sadarkaa isaanii eeggatanii bifa haaraan miidhaganii qophaa’an turtii walga’ii kana kan yeroo kamiyyuu caalaa adda taasisan ta’uu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsaniiru.

Walga’ii galmawwan keessatti taasifamuun alatti guddinni damee tuurizimii haaraa lammiilee Afrikaatiin misoome kana, hirmaattotni walga’ii kanneenii akka daawwatan Ministirri Muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin waamicha dhiyeessaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad Itoophiyaan walga’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa fi walga’ii Afrikaa-Itaalii 2ffaa irratti jila olaanoo hirmaachuuf dhufan simachuuf yeroo kamiyyuu caalaa qophooftee jiraachuu ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply