Kan jibbinu diiguurraa gara kan jaalannu ijaaruutti ceeneerra- MM Abiyyi Ahimad (Dr)

You are currently viewing Kan jibbinu diiguurraa gara kan jaalannu ijaaruutti ceeneerra- MM Abiyyi Ahimad (Dr)

AMN PLUS- Hagayya 14/2017

Siyaasni Itoophiyaa kan jibbinu diiguurraa gara kan jaalannu ijaaruutti ce’eera jedhan Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr).

Aadaan mootummoolee Itoophiyaa, yeroo maraa kan darbe jibbuun diiguu ture kan jedhan Dr. Abiyyi, mootummaan waan darbe diiguun muddamu mul’ata isaa waliin osoo wal hin argin darba jedhan.

Namni mul’ata qabu, gufuuwwan karaarratti isa mudatu funaanaa deema yoo ta’e galma isaa bira gahuu akka hin dandeenyes himan.

Galmi mootummolee inni guddaan ‘an biyya koof kallattii kanaan waa raawwadha’ isa jedhu ta’uu osoo qabuu, kan Itoophiyaa garuu kan kaleessaa qeequun abaaruufi diiguu irratti muddamuun mul’ata isaanii bira osoo hin gahin hafuu ta’uu dubbatan.

Nuti garuu isa jibbinu diiguurraa gara isa jaalannu ijaaruutti ceeneerra jedhaniiru.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply