Gabaan siyaasa sobaa namoota yaada moo’ataa hin qabneen ololamu, Mootummaa Ida’amuu danquuf yaadus moo’ameera jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr).
Qaamoleen madaa ummataa ture tuttuquun boochisuun faayidaa siyaasaa argachuuf barbaadan akka jiran kan eeran Ministirri Muummee FDRI, kanneen waan hunduu kan koo haa ta’u jedhaniifi loogiidhaan guutamanis akkasuma danqaa ta’uu ibsan.
Gabaa siyaasaa fooyyessuun kan danda’amu, Gabaa siyaasaa dhugaafi beekumsa irratti hundaa’e bal’isuudhaan jechuunis dubbatan.
Haa ta’u malee, gabaan siyaasaa sobaa, warra yaada gu’aa ta’een afarfamu Mootummaa Ida’amuu danquuf yaadus sirna Dhaabbilee cimaa ijaaruufi hojmaata sirreessuun, filannoowwan yaadaa gabaa siyaasaa biyyattii fooyyeessan akka jiraatan taasisuun rakkoo kana maqsuun akka danda’ame itti dabaluun ibsanii jiru.
Bilisummaafi Itti gaafatamummaa Wal simsiisanii adeemuun barbaachisaa tahuu kan himan Dr. Abiyyi Ahimad, filannoon yaadaafi ilaalcha garaa garaa akka jiraatullee Kitaabni ‘Mootummaan Ida’amuu’ sirriitti ibseera jedhan.
Malkaamuu Abbabaatiin