Arteettaan hanga yoonaa jijjiirraaf yuuroo biliyoona tokko baase

You are currently viewing Arteettaan hanga yoonaa jijjiirraaf yuuroo biliyoona tokko baase

AMN PLUS-Hagayya 16/2017

Leenjisaa Arsenaal ta’uun erga qacaramee Arteettaan hanga yoonaa jijjiirraa taphattootaaf yuuroo bil.tokko(1)baaseera.

Bara 2019 garee isaa duraan taphataa ta’ee itti tajaajilaa turu,irra deebiin leenjisummaan hojii kan itti eegale Mikeel Arteettaan, Arsenaal morkataa cimaa taasisuufi garee cimaa ijaarutu himama.

Woggoota sadiif walitti aansuun gabatee Pirimeerliigii sadarkaa 2ffaan kan xumura Arsenaal amma booda waancaa qofa garicha irraa eegaa akka jiran dhiibbaa jiru hordofee jijjiirraa bara kanaa bifa adda ta’een keessatti hirmaachaa jira.

Tibbana Eberich Izee Tootinhaam jalaa butee haalli itti fudhates, Arsenaal bara kaan waancaa injifachuuf kutannoo qabu agarsiistudha. Kilabich Izeen dabaatee jijjiirraa Ganna kanaan hanga yoonaa Paawondii mil.250 baaseera.

Kunis hanga yoonaa baasii jijjiirraaf wayitii tokkoon baase isa olaanadha.

Misikkir Alamaayyootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply