Kaabineen Magaalaa Finfinnee dhimmoota lamarratti mari’achuun murtoo dabarse

You are currently viewing Kaabineen Magaalaa Finfinnee dhimmoota lamarratti mari’achuun murtoo dabarse

AMN PLUS – Hagayya 16, 2017

Kaabineen Magaalaa Finfinnee walga’ii idilee 2ffaa waggaa 5ffaa har’a taa’een dhimmoota lamarratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Ajandaasaa jalqabaan Misooma kooridariifi qaraqara lagaa keessatti bu’uura waliigaltee mootummaafi tumsa dhaabbilee dhuunfaan piroojektoota misooman 30 baasii Birrii biiliyoona 700 fi biiliyoona 33 oliin misoomsitoota 37 deeggaruuf ajandaa dhiyaaterratti mari’ateera.

Haaluma Kanaan faayidaa pirojektoonni kunneen diinagdee, carraa hojii uumuufi misooma magaalaa keessatti qaban gamaaggamuun yaada furmaataa dhiyaaterratti mari’achuun raggaasiseera.

Dhimmi lammataa Kaabineen magaalichaa irratti mari’ate danbii raawwii jijjiirraafi ramaddii leenjistoota koolleejjota teeknikaafi ogummaa Bulchiinsa Magaalichaa irratti.

Dhaabbilee teeknikaafi ogummaa keessatti leenjii qulqullina qabu kennuuf, kolleejjota bu’aa qabeessa taasisuu fi haala qindoomina qabuun hogganuuf danbichi bahuun gahee olaanaa waan qabuuf akka raggaasifamuuf murtoon darbuu ibsameera

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply