Daldala halkanii Finfinneetti aadaa ta’aa dhufe

You are currently viewing Daldala halkanii Finfinneetti aadaa ta’aa dhufe

AMN PLUS – Hagayya 16/2017

Sosochiin Daldala Halkanii erga eegale as aadaan hojiifi galiin keenya dabalaa jira jedhan daldaltootni magaalaa Finfinnee.

Sosochii daldalaa Magaalaa Finfinnee ammayyeessuufi haala miataa uumamaa jirutti fayyadamuun daldaltoonni hanga galgala sa’aatii 4ttii akka hojjetaniif Kaabineen magaalichaa murteessun ni yaadatama.

Murtoon darbe kun haala irra jiru ilaaluuf gara kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo naannawaa Addabaabaayii Beetelitti kan imale AMN Plus, sosochiin daldala galgalaa jirattotaafi daldatoota gidduutti adeemsifamaa jiraachuu hubateera.

Daldaltoonni Hojii Kana Irratti Bobba’aanii Hojjechaa Jiranis Erga Kaabineen Magaalaa Finfinnee Sochiin Daldalaa Hanga Sa’aatii 4tti Akka Turuuf Murteessee as aadaan hojiifi Galiin Isaanii Dabaluu Dubbataniiru.

Mootummaanis Deeggarsa Gama Gara Garaatiin Jiru Cimsuu Akka Qabus Gafatan.

Daldala Seeran Alaa Too’achuufi Haawasni Karaa Yaaddoo Nageenyaa Irraa Bilisa Ta’een Sirna Bittaafi Gurgurtaa Akka Gaggeessuuf, Qindoominaan Qaamolee Nageenyaa biroo Waliin Hojjechaa Jiraachuu Hojjettoonni Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnees Dubbataniiru.

Hojiin Daldala Halkanii Kun Akka Lafa Qabatuuf Hawaasa Daldalaa Sadarkaan Jiraniif Leenjiifi Hubannoo Gara Garaa Kennaa Turuu, Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyootti Itti Gaafatamaan Waajjira Daldalaa Aanaa 6 Obbo Alamaayyoo Asaffaa AMN PLUS Sagalee Dhalootaaf Ibsaniiru.

Geetaahun Katamaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply