Tapha Piriimiyer Liigii Inglaand torbee 2ffaan kalessaa kan eegale yoo ta’u Cheelsiin dirreen alaa imaluun Weestihaam Yunaayitid goolii bal’aa 5-1 injifachuu danda’eera.
Har’as taphoonni hedduun kan gaggeeffaman yoo ta’u taphni Maanchester Siitiin dirree isaa Etihaaditti Tootenham Hootispars keessummeessu qalbii daawattoota kubbaa miilaa hedduu harkiseera.
Leenjisaa haara kan muude kilabni Kaabaa Landan Tootenhaam Hotsper tapha jalqabaa dirree isaa irratti Barniley keessummeessuun goolii 3-0n injifachuun milkaa’inaan egaleera.
Gareen Toomas Fraankiin durfamuu Tootenham Hootispars taphataa isaanii murteessaa Jems Maadiisan erga miidhamaa yeroo dheeraaf dhabaniin booddee Eberichee Eze mallattessisuuf yaaliin taasisaa turan Arsenaaliin jalaa fashalaa’uu danda’eera.
Gama biraan torbee jalqabaan dirreen alaa imaluun Wolvis goolii 4-0n kan injifate gareen Pep Guwaardiyoolaa Maanchester Siitiin har’as Tootenham Hootispars irraa aanuu danda’aan shakkii xiinxaltoota kubbaa Miilaa hedduuti.
Rodriigoo Riyaal Maadriid irraa Juwaanliujii Donaaruumaa ammoo PSG irraa mallatteessisuuf yaalii taasisaa kan jiran Maanchester Siitiin bara kana Liivarpuul fi Arsenaal waliin morkachuuf ijibbataa falmata
Pep Guwaardiyoolaa seenaa leenjisummaa isaanii kessatti yeroo 2 walitti aansanii waanca Liigii dhabanii hin beekan.
Rabbirraa Hirphaatiin