Pireezidaantiin Yuukireen Viloodmiir Zeleniskiin, guyyaan walabummaa biyyattii magaalaa Kiyeev keessatti wayita kabajamu falmachuu akka itti fufan beeksisan. Waamichi nagaa Yuukireen taasisaa jirtu Raashiyaa irraa dhageettii waan dhabeef falmachuu isaanii akka itti fufan dubbataniiru.
Zeleniskiin nagaa egereen biyyattii lammiilee Yuukireeniin murtaa’u qofa akka barbaadan ibsaniiru.
Waraanni Yuukireeniifi Raashiyaa akka hin goolabamne kan ibsan pireezidaant Zeleniskii, wayita bu’uuraalee misooma annisaa Raashiyaa, Naannoo Kursk Lixaatti argaman irratti haleellaan akka raawwatame Raashiyaan ibsitetti ta’uu gabaafameera. Yuukireen haleellaa kana hin raawwanne jechuun haaltee jirti.
Biyyootni lamaan loltoota wal geddaruun isaanii marii fuulduraaf haala akka mijeessu abdatamus haasaan Zeleniskiin taasisan xaarii marii nagaa eegalametti danqaa uumuu danda’a jedhameera.
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, pireezidaantota biyyoota lamaanii qofa qofaatti waamanii dubbisanii abdii nagaan guutamanii turan.
Zeleniskiin fedhii marii agarsiisanillee haga ammaatti gama Puutiniif waan jedhame hin jiru. Gama biraan, Ministirri Muummee Kaanaadaa Maark Kaarnii deeggarsa dippiloomaasii Zeleniskiif qaban agarsiisuudhaaf Kiyeev gahaniiru.
Ergamaan addaa Pireezidaant Tiraamp Keet Keeloog Zeleniskii waliin mari’achuuf Kiyeev galaniiru. Kaarnii fi Keeloog lamaan isaaniiyyuu kabaja guyyaa walabummaa kana irratti hirmaachuu isaanii BBC fi The New York Times gabaasaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin