Barnootni imala jijjiiramaa Afrikaa akka qajeelchuuf waliin hojjechuu qabna- Obbo Tamasgeen Xurunaa

You are currently viewing Barnootni imala jijjiiramaa Afrikaa akka qajeelchuuf waliin hojjechuu qabna- Obbo Tamasgeen Xurunaa

‎AMN PLUS- Hagayya 19/2017

‎Barnootni imala jijjiiramaa fi misoomaa Afrikaa akka qajeelchuuf kaayyoo waloo tokkoof waliin hojjechuu qabna jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa.

‎Obbo Tamasgeen Yaa’ii Waggaa 41ffaa madaalli sirna Barnootaa Afrikaa Itoophiyaan qopheessite har’a ifatti bananiiru.

‎Afrikaan guddachaa jirti, garuu kun gahaa mitii egeree dursa qabachuu qabdis jedhaniiru.

‎Kanaaf ammoo ijoolleen Afrikaa barnoota argachuu qofa osoo hin taane, barnoota haqa qabeessa, sirrii fi qulqullina qabu akka argatan gochuu qabnas jedhaniiru.

‎Waltajjiin barnootaa barumsa madaaluuf qofa osoo hin taane, eessa akka jirru nutti himuu fi garam deemuu akka qabnu kan nu qajeelchu meeshaa furtuu ta’e jiraachuu akka qabu ibsaniiru.

‎Itoophiyaan barnootaafi sirni madaallii haqa qabeessa, hiika kan qabuu fi yaada beekumsaa qofarratti kan hundaa’e osoo hin taane ogummaa qabatamaa irratti kan xiyyeeffate akka ta’uuf hojjechaa akka jirtus akeekaniiru.

‎Gama hundaan Afrikaa fooyyofte ijaaruuf qulqullina barnootaaf dursa kennuu akka barbaachisu dubbataniiru.

‎Kanaafis tokkummaa ardiilee kan cimsu beekumsa aadaa kan kabaju, beekumsa Afrikaa horachuu kan dandeessisu sirna barnootaa fi madaallii ardiilee kan waloo uumuun akka barbaachisu eeraniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply