Yaa’a Abbayyaa irratti hidhoota baay’ee ijaarree biyya keenya qofa osoo hin taane naannicha ibsuu dandeenya jechuun Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) dubbatan.
Dooktar Abiyyi Ahimad kana kan jedhan Gorsaa isaanii Dhimma Hawaasummaa Diyaaqon Daani’eel Kibrat wajjin turtii waa’ee Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa irratti taasisan irratti yoo ta’u lagni Abbayyaa gannaafi bona kan hin gogne, Laga dheerticha addunyaa fageenya dheeraa qaxxaamuree deemu tahuu yaadachiisaniiru.
Dhiibbaawwan siyaasa teessumaan, hanqina maallaqaafi dandeettiitiin hanga yoonaa osoo hin hidhamin turee weedduuwwaniifi roorroo seenessa xiiqii namatti uumuun marfamee kan ture tahuus yaadatu.

Abbayyi seenaa Cooligee turretti kan ifa abdii horeefi lammiilee hedduuf ifa kan baasu tahuullee akkasuma ibsanii jiru.
Seenessi baroota hedduu jijjiiramee, ifa abdii heddummootaa kan baase hidhi haaromsa Itoophiyaa ijaaramee sadarkaa kanarra gahuun isaa Cichoominaafi gahumsa ummata Itoophiyaa kan hubachiisudha jedhaniiru.
Dooktar Abiyyi Ahimad Hidhi Haaromsaa wal ta’aniifi ida’amanii hojjannaan bu’aa argachuuf danda’an kan mul’isudha jechuun qormaatni keessa bahame nuffisiisaafi ulfaataa ta’uullee akkasuma yaadataniiru.
Kana boodas yaa’a Laga Abbayyaa irratti Hidha dabalataan ijaaruun naannawa baha Afriikaafi guutummaa Afriikaa ibsuu dandeenya jedhan.
Malkaamuu Abbabaatiin