Hidhaan Haaromsaa torbee dhufu daawwattootaaf banaa ta’a

You are currently viewing Hidhaan Haaromsaa torbee dhufu daawwattootaaf banaa ta’a

‎AMN PLUS – Hagayya 26/ 2017

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa torbee dhufuu eegalee daawwattootaaf akka banaa ta’u beeksisan.

‎Dooktar Abiyyi, baatiiwwan Adoolessaa fi Hagayya qofaatti lakkoofsi daawwattoota diyaaspooraa gara biyyattiitti dhufanii bara darbe yeroo wal fakkaataa wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu dhibbantaa 50’n dabaluu isaa kan ibsan yoo ta’u, kunis damee tuurizimiif galii guddaa akka argamsiise ibsaniiru.

‎Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa, waadaa qabatamaan haaromsa Itoophiyaaf galame itti dabaluudhaan turizimiidhaafis carraa guddaa kan qabu akka ta’e ibsaniiru.

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad “Wanti humna caalu nuuf kennu, warri carraa daawwachuu hin arganne yeroo dhufanii hidha kana ilaalanidha” jechuudhaan kanaan wal qabatee Hidhi Haaromsaa torbee dhufu booda lammiilee Itoophiyaa hundaaf daawwannaadhaaf banaa ta’uu ibsaniiru.

‎Hojii kanaaf qophiin barbaachisu xumuramuus hubachiisaniiru.

‎Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa tajaajila geejjibaa isaa haala mijeessuuf qophii xumuruusaa fi hidhicharratti viilaawwan ammayyaa dhibbaa ol qophaa’uu isaaniis Ministirri Muummee ibsaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply