Koongoon weerarri Iboolaa waggaa sadii booda deebi’ee ka’uu beeksiste

You are currently viewing Koongoon weerarri Iboolaa waggaa sadii booda deebi’ee ka’uu beeksiste

‎AMN PLUS – Hagayya 30/2017

‎Dimokiraatik Rippabiliki Koongoon weerarri Vaayirasii Iboolaa biyyattiitti waggaa sadii booda deebi’ee mul’achuu isaa beeksiste.

‎Vaayirasiin kun hanga ammaatti namoota 28 irratti kan mul’ate yoo ta’u, isaan keessaa lubbuu namoota 15 galaafachuun isaa ibsameera.

‎Akka dhaabbanni fayyaa addunyaa ibsetti Koongootti vaayirasiin iboolaa kanaan dura mul’ate talaallii kennuun to’achuu isaa beeksisee ture.

Weerara ammaa saffisaan qorachuun talaalliin dafee akka qaqqabuuf hooggantoonni mootummaafi damee fayyaa akkasumas ogeeyyiin deeggarsa taasisuu akka qaban ibsuu isaanii ‘Reuters’ gabaaseera.

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply