Mata duree “Itoophiyaa bayyanachiisuu” jedhuun Gareen Aadaa biyyattii gara Raashiyaatti kan imalu tahuun ibsameera.
Gareen Kiin Itoophiyaa Ogeessota Aartii garaa garaa of keessatti hammate kanaan dura gara Chaayinaatti imalee turuu ibsa laataniin kan yaadachiisan Deetaan Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Tasfaahun Goobazaayi, imala kanaan Itoophiyaan bu’aalee hedduu argachuu ibsaniiru.
Ogeessonni kunneen Aadaa, Duudhaafi beekumsa Itoophiyaanotaa addunyaatti beeksisuun, Itoophiyaan carraalee Invastimantiifi Turiziimii hedduu akka argattuuf balbala kan saaqe tahuus ibsaniiru.
Gareen kun maqaa biyya keenyaa Sadarkaa addunyaatti beeksisuu keessattiis gahee olaanaa bahachaa akka jiru himaniiru.
Imala duraa gara Chaayinaatti taasifameen lammiileen biyyattii baayyeen gara Itoophiyaa dhufuuf fedhii kan agarsiisan tahuus Obbo Tasfaahun ifoomsaniiru.
Deetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Gargaaraa Piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyee Imalli gara Raashiyaatti taasifamu hariiroo Obbolummaa ummattoota biyyoota lamaanii waggoota dheeraaf ture caalaatti kan cimsu tahuu dubbataniiru.
Imalli gara Raashiyaa Mooskootti taasifamu eenyummaa Ummattoota Itoophiyaa waltajjii addunyaarratti kan beeksisu tahuus himaniiru.
Darbees walqixxummaan ummattoota Itoophiyaa kan itti mul’ateefi mirkanaa’e tahuus dubbataniiru.
Hundeessaafi Hogganaan Shaakuraa Piroodakshinii akkasumaas Miseensi jila Garee gara Raashiyaatti imaluu weellisaa Kaamuzuu Kaasaa “biyya keenya beeksisuuf waliin taanee ni hojjanna” jedheera.
Garee kana keessatti gareewwan aadaa saboota sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa 65 kan hirmaataniifi gosoonni hojii aartii 30 caalan agarsiisaaf kan dhihaatan tahuus ibsaniiru.
Gareen kun Qaammee 4 irraa eegalee gara Raashiyaatti imaluun Magaalota garaa garaa biyyattiitti agarsiisa aadaa kan gaggeessu tahuun ibsameera.
Mahaammad Toofiqtu gabaase