Qaammeen 1 lammiileen Itoophiyaa Cichoominaan Olka’iinsa Itoophiyaa mirkaneessuuf yeroo itti of haaressan akka tahe ibsame.

You are currently viewing Qaammeen 1 lammiileen Itoophiyaa Cichoominaan Olka’iinsa Itoophiyaa mirkaneessuuf yeroo itti of haaressan akka tahe ibsame.

‎AMN PLUS – Hagayya 30/2017

‎Qaammeen Tokko lammiileen Itoophiyaa tokkummaafi kutannoodhaan ol ka’iinsa Itoophiyaa mirkaneessuuf afuura cichoominaa isaanii kan itti haaressan akka tahe Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injinar Ayishaa Mahaammad ibsan.

‎Kabaja Qaammee 1 ilaalchisee ibsa kan kennan Ministirri RAayyaa Ittisa Biyyaa guyyichi; Ministeera Raayyaa Ittisaa, poolisii Federaalaa, Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa, Bulchiinsa Saaphana Odeeffannoofi Artifishaal Intalijansiidhaan sagantaawwan garaa garaan akka kabajamu ibsanii jiru.

‎Kanaa wajjin Wal qabatees dokumetariin “Maanguddoota Cichoominaa” jedhamuufi sagantaaleen cichoomina irratti fuuleffatan biroo akka dhiyaatan ibsameera.

‎Dhaabbilee nageenyaa ammayyeessuuf fageenya hangam akka deemameefi injifannoowwan ajaa’ibsisoo galmaa’an ibsama cichoominaa tahuun akka dhiyaatanis beekameera.

‎Qaammeen 1 bu’uura milkaa’inaa fi injifannoo kan uummatni Itoophiyaa kan itti galateeffamu, milkaa’ina argameef kan beekamtiin itti kennamu tahuu himuun bor ganama sa’aatii 5:30tti namni hunduu bakkuma jiru dhaabbatee faaruu Biyyaalessaa Itoophiyaa akka faarfatu Injinar Ayishaan ibsaniiru.

‎Sabaa himaaleen Itoophiyaa garaa garaas yeroo kanatti faaruu biyyaalessaa akka farfaachiisan himaniiru.

‎Qaammeen 1, “Guyyaa Cichoominaa” jedhamee kan moggaafame yoo tahu, “Bu’uura Cimaa, BiyyaJabaaf” ergaa jedhuun kabajama.

‎Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply