AMN PLUS-Qaammee 3/2017
Xumura waqtii gannaatii eegaluun waqtii birraa jaalalaafi gammachuun simachuuf dargaggoonni Goobee sirna aadaa calaqqisiisuun manaa manatti deemuun naanna’anii qe’ee gabbisuun, qe’ee warra bira dhaqanii keessa asiifi achi utaalanii sirbanii taphatu.
Goobeen adeemsa sirna mataa isaa kan qabu duudhaalee aadaa isaatiin kan kabajamu. “Innis dargaggoota umurii kudha 16 hanga 24 tti jiraniin kan taphatamuudha” jedhan hayyuun Hordofaa Damissee.
Goobeen dargaggoota dhiiraa qofaan kan taphatamu. Goobeen jalqaba warra ulfoo kallachaafi caaccuu qabanirraa eebba fudhachuun jalqabama.
Warri itti dhaqanis mijuufi maaddii qopheessun simatanii maallaqas kennuuf. Goobee hin dhoowwatan. Kan goobee dhoowwate ni abarama kan kenne ni eebbifama. Kanaaf goobeen nama yoo eebbisan sa’aa namaan horan jedhu hayyuu Hordofaa Damissee.

Yoo warri itti dhaqan kennaa irra turan akkas jechuun sirbaan dhaamsa dabarsu
”Ashaaroo guggubee guggubee mataan naa dhukkubee hoodhaa jettuu”
Warri itti dhaqanis dhaamsa kana yoo dhagahan dafanii waan qopheesan dhiyeessuuf.
Erga kennaa fudhatanii booda goobeen akkas jechuun eebbisu.
“Warri nuu kenne hammami gaha”
“Kiinnoo hammana gahaa” ulee irra keessa qabuun guddina warra sanii leellisu.
“Waa xilaannii isaanii eessuma jirti
Kiinnoo as jala jirti
Boolloo gadi fageessaa
Dhiitaa gadi fageessaa” ulee lafaan rukutuun diina warra sanii abaaru jechuudha.
Goobeen maallaqa gurratan kanas kan addaan fudhatan osoo taane walitti qabachuun nama tokkorra ol kaawwatu. Maallaqa goobee sanis dhimma dhuunfaatiif oolfachuun hin danda’amu. “Maallaqni goobee namatti yoo dabarte horoo namaati, hin toltu” jedhu hayyuu Hordofaa Damissee.

Goobeen manaa manatti deemanii gabbisuu erga xumuran booda, Masqala oolanii guyyaa beellamachuudhaan lafa warra hundatti dhiyaatu hurufatti maallaqa goobee saniin korma goobaa bituun cidha qopheessu. Namoota kennaa garaa garaa kennaafii turan hunda waamuun guyyaa xumuraa kana sirna ho’aa ta’een kabaju. Namoonni waamamanis harka duwwaa osoo hin ta’in gumaataan dhaqu.
Guyyaa xumuraa sanis jaarsi biyyaa ni eebbisa. Goobeen bara hunda walitti aansuun hin deeman. Kan barana deeme bara itti aanu hin deemu. Warra gara biraatu deemuun qe’ee gabbisa malee.
Walumaagalatti goobeen sirna aadaa kan dargaggoota dhiiraa qofaan xumura waqtii gannaatii eegaluun waqtii birraa bara haaraa simachuuf kan taphatamuudha.
Shuumii Badhaasootiin,