Misooma Waaraa, Bayyanannaa Biyyaalessaatiif
Itoophiyaan kaateetti. Kana booda duubatti hin deebitu. Imalli bayyanannashee kun misooma dinagdee waaraatiin kan deeggarame ta’uu qaba.
Keessumaa dameewwan albuudaa, tuuriizimii, qonnaa, homishtummaafi ‘ICT’ dhaan bu’aawwan olaanaa galmeessisaa ittifufuu qabna. Qabeenyaa guddina keenyaaf gargaaraa ta’u uumuufi galii walitti qabuutu nuuf mala.

Galiifi qabeenya guddinni keenya maddisiisu haalaan walitti qabnee, qusannee galma badhaadhina keenyaatiif fayyadamuu qabna. Jijjiirama dinagdee maakroo eegalle si’oomsuudhaan milkeessinee bayyanannaan Itoophiyaa gara badhaadhina waaraa Itoophiyaatti akka jijjiiramu ni taasifna.
Ministira Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD)