Hawaasni Maallaqa sobaan akkan goyyomfamne akeekkachiifame

You are currently viewing Hawaasni Maallaqa sobaan akkan goyyomfamne akeekkachiifame

‎AMN PLUS -Qaammee 5/2017

‎Hawaasni jala bultii bara haaraa kanatti nootii birrii sobaatiin akka hin gowwoomfamne of eeggannoo taasisuu akka qabu Qajeelchi Waligalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee akeekkachiise.

‎Itti Gaafatamaan Sab-Quunnamtii Qajeelchichaa Poolisii Magaalaa Finfinneetti Komaandara Itti Aanaa Maarqoos Taaddasaa, maallaqa seeraan alaa daddabarsuun yakka yeroo ayyaanaa raawwatamu keessaa tokko ta’uu eeruun, namoonni nootii birrii sobaa gabaatti fidan akka jiran himan.

‎Gama biraan, birrii seera qabeessa ta’e keessa kan sobaa waliin makuun gabaaf kan dhiyeessan akka jiran dubbatan.

‎Hawaasni gowwomsaa akkanaa irraa akka of eeggatu yaadachiisuun wanti shakkisiisaan yoo mudate qaamolee nageenyaa dhiyoo jiranitti eeru kennuu akka qabu Qajeelchi ibseera.

‎Yeroo ayyaanaa nyaataa fi dhugaatii keessatti namoonni wantoota adda addaatiin walitti makuu waan danda’aniif hawaasni keessattuu yeroo zayita, dhadhaa fi wantoota biroo bitatan of eeggannoo gochuu akka qabanis eerameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply