Bara 2018tti itti quufinsa hawaasaa dabaluuf ni hojjetama- Aadde Buzeenaa Alkadir

You are currently viewing Bara 2018tti itti quufinsa hawaasaa dabaluuf ni hojjetama- Aadde Buzeenaa Alkadir

AMN PLUS- Fulbaana 8/2018

Manni Maree Magaalaa Finfinnee Milkaa’ina Karoora hojii bara baajataa 2018f Miseensota Kaabinee Magaalattii waliin Walii galtee hojii Mallatteesse.

Af- yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alkadir Barri 2018 bara milkaa’inaafi gammachuu Olaanaan simanneedha jedhanii milkaa’ina gonfanne kanas itti fufsiisuuf ammas xiyyeeffannoon hojjechuu qabna jedhan.

Itoophiyaan gargaarsa uumaafi tattaaffii ijoollee isheetiin bayyaannachaa jiraachuu kan himan Aadde Buzeenaan, bara baajataa 2018ttis hanqinoota turan furuun ciminoota jiran ammoo itti fufsiisuuf gama hundaan itti quufinsa hawaasa dabaluuf hojjechuun murteessaa ta’uus kaasaniiru.

Walii galteen hojii taasifame kunis hojiin bara baajatichaa keessatti akka hojjetamuuf karoorfame akkaataa qabameen hojiirra ooluusaa kan ittiin madaalamu ta’uus Aadde Buzeenaan eeraniiru.

Akkuma Magaalaan Finfinnee ammayyaa’aafi jiraattota isheef mijattuu ta’aa jirtu tajaajilli Ammayyaa’aafi si’ataan akka kennamu taasisuu keessattis ga’een miseensota kaabinee kunneen murteessaa ta’uu kan himan Aadde Buzeenaan akkaatuma walii galtee hojii taasisne kanatti milkaa’inasaafis hojjechuutu nurraa eegama jedhan.

Jiraataa Biyyanaatu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply