Dodolaa: ‘Galaana Qaxaleewwanii’

You are currently viewing Dodolaa: ‘Galaana Qaxaleewwanii’

Dodolaa maaltu galaana qabxii taasise?

AMN PLUS- Fulbaana 8/2018

Oromiyaa galaana Atileetotaa yeroo jedhamu dhageenya. Harmee Oromiyaa, dachiin lalistuun kun barootaa hedduuf hayyoota oomishtee lammiif biyyaaf gumaachaa turte, ammas gumaachaa jirti.

Naannicha galaana qaxaleewwanii gochuuf, Manneen Barnootaa hundaa’an, Ifa Borii, Abdii Borii, Kan Waldaa Misooma Oromiyaafi kaanis firii agarsiisaa jiru. Kan Mana Barumsaa Bultii Addaa Ifa Boruu Dodolaa ammoo barana adduma.

Barattootni akka Itoophiyaatti qabxii olaanaa kutaa 12ffaa bara 2017 galmeessisan dhiiraafi dubaraan mana barumsaa kana irraa argaman. Qabxii 500 ol kan fidan barattoota 72 dha. Barataan qormaataaf dhihaatan hunda dabarseera.

Barataa Kaalid Bashir (591) fi Gannat Margaa (579) kan galmeessaniin alatti barattoonni mana 580 fi mana 570 keessa fidan hedduudha. Iccitiin milkaa’inaa mana barumsichaa maali laata kan jedhu kaasuuf feene.

Manni Barumsaa Bultii Addaa Ifa Boruu Dodolaa waggaa 3 dura eebbifamee yeroo hojii jalqabu, barattoota Godinoota Arsii, Arsii Lixaa, Baalee, Baalee Bahaafi Shawaa Bahaa simachuun hojii eegale. Waggoota sadan kanas gahumsaafi amala barataa irratti haalaan hojjetee bu’aa dhandhamuu eegaleera.

‎Daayirektarri Mana Barumsaa Bultii Addaa Ifa Boruu Dodolaa Barsiisaa Deettuu Diboo, iccitiin milkaa’ina mana barumsichaa cichoominaan hojjechuu ta’uu himu. Barattoota qormaata biyyaalessaa 12ffaa bara 2017 fudhatan 125 hunduu yeroo darban, isaan keessaa 500 fi isaa ol kanneen fidan ammoo 72 ta’uu AMN PLUS Digital’f ibsaniiru.

‎Iccitiin milkaa’ina kanaa tokkoofi tokko, innis cichoominaan hojjachuu akka ta’e ibsan. Barattootniifi barsiisotni cichanii hojjachuun bu’aa argamsiisanidha kan jedhan Barsiisaa Deettuu, halkaniifi guyyaa osoo hin jedhin barsiisotni gahumsa qaban barattoota isaanii gargaaraa turuu eeran.

‎Barattootni jalqabumaa naamusa gaariitiin ijaaraman ammoo dadhabbii barsiisota kanneenii akka lafa hin buusne dubbatan. Yeroo isaaniitti haalaan fayyadamuufi qormaatilee baroota darban akkasumas gaaffilee moodelaa hedduu shaakalaa akka turan ibsan.

‎Barsiisotni yeroo barataan deggersaaf isaan barbaadutti sa’aatii 24 guutuu qophii ta’uun barattoota isaanii tajaajiluun, gaaffilee isaanii deebisuufi shaakalchiisuun, hunda caalaa akka abbaafi haadhaatti dhiyaatanii barattoota gargaaruun qabxii onnachiisaa kana galmeessuuf sababaa ta’uu himaniiru.

‎Bara kanas qabxii olaanaa galmeessuuf gamanumaa cimanii akka hojjataa jiran Daayirektarri Mana Barumsichaa AMN Digital’f ibsaniiru.

‎Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply