Ameerikaan lolli Gaazaa akka dhaabbatuuf yaada murtoo dhiyaate mormite

You are currently viewing Ameerikaan lolli Gaazaa akka dhaabbatuuf yaada murtoo dhiyaate mormite

AMN PLUS- Fulbaana 9/2018

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Manni Maree Tasgabbii Gaazaatti dhukaasni akka dhaabbatuuf yaada murtoo dhiyeesse Amerikaan mormuun kuffiste.

Ameerikaan yaada murtoo kana yeroo 6ffaaf kufaa kan taasiste yommuu ta’u yaadni murtoo kun dhukaasni atattamaan akka dhaabbatuufi ugguramtoonni akka gadhiifamaniif kan dandeessu ture.

Angoo Sagalee deeggarsaa sagaleesheetiin kuffiisuu (Veto Power) ishee fayyadamuun Waashingitan murtoo kana kuffisteetti.

Sababaan itti mormiteef ammoo yaadni murtoo kun mirga of irraa ittisuu Israa’eliif beekamtii kan hin kennine ta’uurra darbee gocha cigaasisaa Haamaasis kan ibsu miti jechuun akka ta’e ibsameera.

Miseensotni mana marichaa hafan 14 Israa’el deggersi Gaazaa akka hin seenne dhorkaa taasiste akka kaastuufi dhukaasni dhaabuu dhaabbataa akka taasifamu yaada murtoo dhiyaate deggeraniiru.

Kenniinsa sagalee booda miseensotni mana maree nageenyaa ejjennoo Ameerikaa balaaleffataniiru. Ambaasaaddarri Filisxeem, “Manni marichaa gahee isaa sirrii ta’e akka hin bane gufuu danqarame” jechuun ibsaniiru.

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjirri dhimmoota deeggersa namummaa sararri tokkichiittiin gargaarsi gara Gaazaatti seenu balaadhaaf akka saaxilame beeksiseera.

Manni marichaa murtoo kana kan dabarse yaa’ii waliigalaa anga’ootni biyyootaa irratti hirmaatan dursuun akka ta’e gabaasni BBC fi Reuters ni mul’isa.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply