Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi, Chaarlii Karki “Ameerikaaf goota guddaa” ta’uu dubbatan.
Sirni yaadannoo kabajaa Karki bakka bulchiinsa Arizoonaatti bakka Pirezidaantiin Ameriikaa Doonaald Traampi fi namoonni kumaatamaan lakkaa’aman argamanitti gaggeeffameera.
”Chaarlii Karki waan goota ta’eef wareegame” kan jedhan Tiraampi nama waan itti amane ifatti dubbatuufi falmatu ta’uus ragaa ba’aniif. Haati Warraa Chaarlii Karki, Erikaan waan miira namoota hundumaa tuqu dubbatte. ”Nama abbaa warraakoo ajjeeseef dhiifama godheera” jette.
Imimmaaniin danqamaa haasaa taasisteen, “Abbaan warraa koo Chaarliin nama lubbuu isaa dabarse dabalatee dargaggoota baraaruuf dhama’aa ture.
Akkuma Kiristoos dhiifama nuuf godhe, anis nama kanaaf dhiifama godheeraaf. Sababni isaa deebiin jibbaa jaalala malee jibba miti” jechuun namoota Kuma 10’tti lakkaa’aman kanneen miira keessa galchiteetti.
Dargaggeessi umuriin isaa 31 ta’e kun sochiiwwan Tiraampi taasisan deeggaruun yaada isaa bilisaan ibsataafi falmaa akka ture, ragaaleen ni agarsiisu.
Pirezidaantiin Itti Aanaa Ameerikaa JD Vaansi, falmaa mirga namaa ALA’tti Fulbaana 10 bara 2025 namaan itti dhukaafamee ajjeesame ashaaraa siyaasaa inni kaa’ee darbeef galateeffataniiru.
Sagantaa yaadannoo kana irratti Tiraampi, haadha warraa Karki kan taate Eriikaa haalaan jajjabeessuu BBC’tu gabaase.
Malkaamuu Abbabaatiin