Magaalaan Shaggariifi Warshaan Daangotee waliin hojjachuuf sanada waliigaltee mallatteessan

You are currently viewing Magaalaan Shaggariifi Warshaan Daangotee waliin hojjachuuf sanada waliigaltee mallatteessan

AMN PLUS- Fulbaana 12/2028

Magaalaan Shaggariifi Daangotee Itoophiyaa magaalichatti warshaa simmintoo babal’isuuf sanada waliigaltee mallatteessaniiru.

Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaa Magaalaa Shaggar Tashoomaa Addunyaa (Dr.) fi Itoophiyaatti Hojii Gaggeessaa Dhaabbatichaa Daniilo Trugillo gidduutti sanadni waliigaltee kun mallattaa’eera.

Kantiibaan Shaggar dhaabbatni Simintoo Daangootee, Magaalicha filachuun sochii investimantii irratti hirmaachuu isaaf galateeffatanii, Shaggar magaalaa yaadama magaalota haaraan hundaa’uun giddu-gala dinagdeefi Investimantii akka taate himuun dhaabbatichi sochii taasisu mara akka deeggaranis ibsaniiru.

Hojii Gaggeessaan Simintoo Daangootees gama isaaniin, Itoophiyaatti waggoottan kurnan darban keessatti hojii hojjetameen Itoophiyaan guddina dinagdeefi misoomaa ariifataa galmeessuun ishee Nayjeeriyaatti aanuun Itoophiyaan filannoo 2ffaa investimantii dhaabbatichaa akka taate himanii, Shaggar sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta’uuf hojii hojjechaa jirtu waliigalteen mallattaa’e kaayyicha kan dhugoomsu akkasumas Magaalicha Zoonii indastirii taasisuuf carraa guddaa akka uumus ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaatti sochii investimantii babal’isuun duudhaafi safuu hawaasa naannicha giddugaleeffachuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf akka hojjetanis hubachiisuu Kominikeeshiniin Shaggar AMN Digital’f himeera.

Warshichi oomisha simintoo Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti, lafa hektaara 50 irratti babal’isuuf akka waliigalame ibsanii, Magaalichatti Pirojektootni 120 oliif murtoon kennamee gara misoomaatti akka galame ibsameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply