Waltajjiin marii karoora waloo Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Fi waajjira Bulchiinsaa Fi nageenyaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Mana Abbichuutti adeemsifameera.
Qaamoleen Nageenyaa magaalota kanneenii qindoomina duraan qaban daran cimsuun Nageenyaafi Tasgabbii uummataa mirkaneessaa imalli hojii misoomaafi jijjiiramaa eegalame akka itti fufuuf kan hojjetan ta’uu waltajjii marii karoora waloo kana irratti himameera.
Ayyaanonni uummataa dirree irratti kabajaman kamuu karaa duudhaa isaanii eeggataniin akka kabajamaniif giddu seentummaa tokko malee nageenya lammiilee gama eegsisuutiin qindoominaan kan hojjetamu ta’uu Hogganttuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa dubbataniiru.

”Nageenyi guddinaafi misooma Magaalaaf hedduu murteessaadha” kan jedhan Sadarkaa pirezidaantii itti aanaatti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Tashoomaa Addunyaa (Dr.) “qindoominni caasaa nageenyaa Magaalaa Finfinnee Fi Shaggar akka Biyyattii bu’aa buusera” jedhanii, yeroo itti aanuttis hojiin gama kanaan eegalame cimee kan itti fufu eeraniiru.
Sisaay Dirribaatu gabaase