Sagantaan baniinsaa Yaa’ii Waliigalaa 80ffaan Mootummoota Gamtoomanii gaggeeffamaa jira.
Yaa’icharratti jilli Itiyoophiyaa Pirezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen durfamu hirmaachaa jira.
Barreessaa Olaanaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutaareez haasawa sagantaa kanarratti taasisaniin, yaa’ichi wayita addunyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa fi diinagdeen akkasumas hiyyummaa, beelaafi waraanaan qoramaa jirtutti gaggeeffamaa jiraachuu ibsan.
Biyyoonni miseensaa yeroo kamiyyuu caalaa walooma isaanii cimsuun addunyaa fooyyofte uumuuf waloon hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Hawaasni idil addunyaa nageenya, haqummaa, misooma waaraafi kabaja namoomaa filannoo isaa taasisuu akka qabuu fi hojiirra oolmaa isaafis muranno qabu akka agarsiisu gaafataniiru.