Ayyaanni Gubaa hawwii bara haaraatti walooma, wayyoomaf gooma kan ittiin ibsaniidha- Asafaa Tafarraa (Dr)

You are currently viewing Ayyaanni Gubaa hawwii bara haaraatti walooma, wayyoomaf gooma kan ittiin ibsaniidha- Asafaa Tafarraa (Dr)
  • Post category:Aadaa
  • Post comments:0 Comments

‎AMN PLUS- Fulbaana 14/2018

‎Ayyaanni Gubaa mallattoo tokkummaafi eenyummaa Oromoo kan barri haaraan bara nagaa, kan araaraa, kan quufaafi gabbinaa akka tahu hawwamu ta’uu, Qorataa Ogummaa Aadaa fi Afoola Oromoo Barsiisaa Asafaa Tafarraa (Dr) himan.

‎Ayyaanni Masqalaa kun Oromoo biratti Gubaa akka jedhamu yaadachiisuun kan itti walooman, wayyooman, gooman, misan hawwii waloo lafaaf qaban kan ittiin ibsan ta’uu turtii AMN Diijiitaal waliin taasisaniin beeksisaniiru.

Ayyaana Gubaa jechuun bara moofaa irraa gara bara haaraa fi abdii qabuutti yaroo itti ce’an, hamtuu, dhibee fi rakkinaalee adda addaa kan itti guban ayyaana wayyooma waggaa haaraa kan itti labsan akka ta’e himaniiru.

‎Oromoon ayyaana Gubaa jedhamu kana hafuura nama aarsu aarsanii lafas namas qulqulleessuun kabaja ayyaana Irreechaaf qopheessuun Fulbaana 17 Gubaa akka tures Asafaa Tafarraa (Dr) yaadachiisaniiru.

‎Yeroo ayyaana Gubaa kana Oromoon fuula walitti galagalfatee wal argee maatii, soddummaan firummaa addaddaan nyaachisa jedhaniiru.

Nyaata Aadaa ayyaana kanatti beekamu Daabboo, Ancootee, tumaalessa hoolaafi soogidda fudhatee mana walii dhaqee waliin kabajuunis Oromoo Maccaa biraatti beekamaa ta’uu Asafaa Tafarraa (Dr) ibsaniiru.

‎Akkasumas Ayyaana kana irratti uffata ulfoo huccuu aadaa uffachuun ba’ee weelluu gammachuu, galataa fi ce’umsaa isaa akka dhageessisus dubbataniiru.

‎Gara fuula duraatti Ayyaana kana karaa Oromoo ibsuun guddisuu akka qabus dhalootaaf dhaamaniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply