Ayyaanni bara haaraa Goofaa “Yoo Masqalaafi Gaazee Masqalaa” kabajame

You are currently viewing Ayyaanni bara haaraa Goofaa “Yoo Masqalaafi Gaazee Masqalaa” kabajame

AMN PLUS- Fulbaana 14/2018

Ayyaanni bara haaraa Goofaa “Yoo Masqalaafi Gaazee Masqalaa bifa ho’aa ta’een magaalaa Saawulaatti kabajamaa ooleera.

Sirna ayyaana kanaa irratti argamuun ergaa kan dabarsan Pirezidaantiin Nannoo Kibba Itoophiyaa Obbo Xilaahun Kabbadaa barri haaraan Yoo Masqalaafi Gaazee Masqalaa dur irraa eegalee kan kabajamaa tureefi ummatichi guyyaa mataa isaa akka qabu agarsiistuudha jedhan.

Obbo Xilaahun itti dabaluun Goofaan godinoota misoomarra jiran keessaa ishee tokko ta’uu himuun abbootii qabeenyaa gara Godinichaa dhufanii hojjataniif mootummaan Nannoo Kibbaa Itoophiyaa akka isaan cinaa dhaabatus himaniiru.

Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Waamamaa Mootummaa olaanaa kan ta’an Tasfaayee Baljigee (PhD) gama isaaniin ayyaana jijjiirraa bara haaraa Goofaa kana caalaa beeksisuuuf hojiin bal’aan hojjetamaa akka jiru kaasaniiru.

Sirna kabaja ayyaana bara haaraa kana irratti agarsiisni bunaa siinii 20,000 qophaa’eera.

Rabbirra Hirphaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply