Gaaffiin Ulaa Galaanaa amma yeroo isaati, addunyaan itti amaneera- Xiinxalaa Siyaasaa Ayyaanaa Fayisaa

You are currently viewing Gaaffiin Ulaa Galaanaa amma yeroo isaati, addunyaan itti amaneera- Xiinxalaa Siyaasaa Ayyaanaa Fayisaa

‎AMN PLUS- Fulbaana 16/2018

Gaaffiin Ulaa Galaanaa Itoophiyaan kaaste yeroo sirriifi uummatni addunyaa itti amanaa dhufe ta’uu Xiinxalaan siyaasaa fi Rogeessaan Miidiyaa Ayyaanaa Fayisaa hime.

Ayyaanaan tibbana turtii AMN PLUS waliin taasiseen “Waa’ee gaaffii karra galaanaa mirga keenya ta’uuyyuu lammiin Itoophiyaa hin hubatu, gaaffichi ni kaafama jedhees eegee hin beeku” jedhe.

Yeroo Riifrandamii Eertiraa geggeeffame, mootummaan ce’umsaa Itoophiyaa karra galaanaa kana jecha lama qofaan dabarsanii kennan kan jedhu Ayyaanaan, ‎Dookimanti Walabummaa Eertiraa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti dhimmi Ulaa Galaanaa Itoophiyaa “Fuulduratti Ilaalama” kan jedhu qofaan cufanii darban jedha.

Dhimma kana akka laayyootti dabarsanii kennuunsaanii dogoggora akka ture himuun, “huccuu dulloomaayyuu akkasitti gattee bira hin dabartu” jechuun Xiinxalaan Siyaasaa Ayyaanaa Fayisaa dubbate.

“‎Mootummaan ‘kottaa duullee biyya diignaa’ jedhee hin beeku, nutis jennee hin beeknu” jechuun, birmadummaa Eertiraaf kabaja qabna, garuu birmadummaan isaanii miidhaa keenya ta’uu hin danda’u, kanuma keenya gaafachaa jirras jedhe.

‎Waa’een ulaa galaanaa yeros jecha lamaan cufame sun darbee, amma yeroon isaa dhufee of amansiisuu wal amansiisuu irra darbee biyyi lafaa itti amanee nagaadhaan fidaa malee gaaffii haqaafi sirrii gaafataa jirtu jedhamaa jira jechuun ibseera.

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply