Atileetotaa fi leenjistoota muraasa irratti miirri biyyaalessummaa akka gadi bu’e arginee jirra jedhan Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Atileet Silashii Sihin.
Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa Tookiyoo ilaalchisee ibsi kennamaa jira.
“Qabxii argametti haawasa keenya dhiifama gaafanna” jechuun Koomaandar Atileet Siilashii Sihin himaniiru.
Akka ibsa Komaandar Atileet Silashii Sihinittu rakkoo qabxii mudateef, atileetota fi leenjistoota murasa irratti miirri biyyummaa akka gadi bu’e arginee jirra jedhan.
Dhimmi kun immoo qabxii Atileetiksii Biyya keenyaf yaaddessaadha, isa kana irratti hojii cima hojjanna jechuun Koomaandar Atileet Silashii Sihin dubbatan.
Walii galatti meedaaliyaa 11, (Warqii 3, meeti 4 fi naasa 4) fiduuf akka karoorfatanii turan kan ibsan Pirezidaantichi karoora isaanii akka galmaan hin geenyeef rakkoowwan heddu akka isaan mudate ibsaniiru.
Kaddijjaa Ifaatu gabaase