AMN- Sadaasa 8, 2017
Kitaabni ‘Faana Goototaa’ seenaa atileetota gameeyyii Itoophiyaarratti xiyyeeffate Gaazexeessaafi Barreessaa Masfin Badhaasaan barraa’uun Adaamaa Riisoortii Karrayyuu Hiilitti eebbifamaa jira.
Sirna eebbichaa irratti Atileetii gameessa abbaa umrii ganna 107 Shaambal Atileet Waamii Birraatuu, Atileet Gazzaany Abarraa dabalatee barreessitootni, qaamoleen miidiyaa, abbootiin qabeenyaa fi deeggartootni og-barruu biroon argamaniiru.
Burqaa atileetotaa kan taate Oromiyaan, gootota Itoophiyaa mataa olqabaniifi addunyaa raajeffachiisan hedduu gumaachitee osoo jirtuu seenaan gootota kanneenii sirnaan katabamee akk hin teenye Gaazexeessaafi Barreessaa Masfin Badhaasaan dubbateera.
Iccitii injifannoo fi seenaa gootota kanneenii sirnaan dhalootatti dabarsuuf kitaabni Faana Gootota barraa’uu hime.
Room irraa haga Paarisitti iccitiin injifannoo atileetota Itoophiyaa haala qilleensaafi qaccee sanyii irraa qofaa kan maddu osoo hin taane duudhaa gootummaa abbootii irraa dhaalaniin ta’uu kitaaba kanaan ibseera.
Tagany Bafiqaaduutiin