Ayyaanni Damaraa/Ibsaa Masqalaa, magaalaa Finfinnee Addababa’ii Masqalaatti kabajamaa jira

You are currently viewing Ayyaanni Damaraa/Ibsaa Masqalaa, magaalaa Finfinnee Addababa’ii Masqalaatti kabajamaa jira

AMN PLUS- Fulbaana 16/2018

Ayyaanni Damaraa magaalaa Finfinneetti Paatriyaarkiin Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Eebbifamoo Abuna Maatiyaas argamanitti kabajamaa jira.

Abuna Maatiyaas Ayyaanicha kadhannaadhaan ifatti bananiiru.

Sirna kana irratti Abuna Maatiyaas, Angafa Phaaphaasii Waldaa Kaatolikii Itoophiyaa Kaardinaal Abune Birhaanee Iyyesuus; Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Addee Adanech Abeebee, Qondaaltonni olaanoo Federaalaa fi Magaalaa Finfinnee, abbootiin amantaa, keessummoonni affeeramanii, hordoftoonni amantaa, turistoonni biyyoota adda addaa irraa dhufan irratti argamaniiru.

Firehiwoot Biraanuutu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply