AMN PLUS – Fulbaana 19/2018
Oromoon Irreechaan waaqaafi lafa araarsee uummata gidduutti illee nagaa buusa. Kanaaf yeroo Irreechaa kan walitti bu’e waliif dhiisee haaloo tokko malee garaa qulqulluun Waaqa isaa kadhata, galateeffatas.
Irreechi Oromoon tokkummaan bahee irreeffatu lamatu jira. Isaanis Irreecha Malkaafi Irreecha Tulluuti.
Irreechi Malkaa kan galateeffannaa waaqaati. Booruu gannaa keessa nu hulluuqsistee taliila birraatti baga nagaan nu ceesiste jechuun Oromoon Irreecha Malkaa kanaan galateeffannaa dhiyeessa.
Lafa hoodaa malkaatti bahuun tokkummaan Waaqa galateeffatu. Galata kanas kan wal-lole yoo jiraate araaramee goomii ykn haaloo tokko malee garaa qulqulluun galata kan dhiyeessan. Irreechi Tulluu Irreecha Waaq-kadhaa ykn kan ittiin Waaqa kadhatanidha.

Kunis waqtii Arfaasaa keessa “Yaa Waaq- nutti roobi lafa nu gabbisiif” jechuun waaqa kadhatu. Kanaaf lafa ulfoo jechuunis lafa hoodaa Tulluutti bahanii irreeffachuudhaan kadhannaa dhiyeessu.
Gara irreeffannaatti yoo imalan faaruu qabu. Isas akkan jechuun faarfatu;
”Gabbisayyoo biyya gabbisaa gadoo
yaa waaq-sorii nutti roobii–x2
Gadaa yaanaa hoo
Yaa gadaa hiddatti waaqaa hoo
Soree roobee
leeccaan sabbooqa daraaree
Odaa dameen lafa gechuu hoo
gadaa maseenti ilma dechuu hoo
soree roobee
Leeccaan sabbooqa daraaree
Odaa dameen dalga ciisee hoo
Karraa ilmoo sittan dhiisee hoo
Soree roobee
Sabbooqa daraaree…”
jechaa gara Irreecha Tulluutti imaluun Waaqni roobee lafa gabbisee sa’aa nama akka quubsuuf waaqa kadhatu. Kanaaf Irreechi Tulluu kan Waaq-kadhaati jechuudha.

Booruun gannaas calalee bishaan taliilarratti waaqaaf galata dhiyeessu. Irreechi guddaan Oromoon akka waligalaatti kabaju kan Hora Finfinnee fi Bishooftuus galateeffannaa Waaqaatiif yoo ta’u tokkummaa uummataa daran kan cimsedha. Sadarkaa idil-addunyaatti xiyyeeffannaa kan argate Irreechi Hora Finfinneefi Har-sadii biyyaaf miidhagina guddaadha.
Shuumii Badhaasootiin