Mootummaan Ida’amuu yaadama haaraa hojjetee hojjechiisu fidee dhufe jedhame

You are currently viewing Mootummaan Ida’amuu yaadama haaraa hojjetee hojjechiisu fidee dhufe jedhame

AMN Plus- Fulbaana 20/2018

Mariin Kitaaba mootummaa ida’amuu irratti xiyyeefate hooggantoota Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa waliin gageefamaa jira.

Kitaabni Mootumaa Ida’ammuu Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) barraa’ee eebbifamuun dubbisaaf ooluun ni yaadatama.

Waltajicha kan mariisisan Deetaa Ministiraa Ministeera Aadaafi Ispoortii Gargaaraa Piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyee Kitaabni Mootummaa Ida’amuu hanqinoota imala badhaadhinaarratti mudatan furuu fi saffisa dabaluuf furmaataafi kalattii fidee kan dhufe ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan Ida’amuu yaadama haaraa fidee dhufuun hojjetee hojjechiisuun keesattuu boodatti hafummaa Itoophiyaaf gaabbii qabu ibsee, badhaadhinasheef kallattii kan agarsiisu ta’uus Qorataafi Barsiisaan Yuunivarsitii Kotabee Doktor Yooseef Beekoo himaniiru.

Kunis namni hundi hojii irratti boba’ee argamuun gaabbiin hojjechuun bu’aa qabatamaa fiduuf tumsuu akka qabu barsiisa guddaadhas jedhameera.

Itsagannat Damisseetu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply