Oomishtummaa midhaan dibataa fi dheedhiif xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ministeerri qonnaa beeksise.
Ministeerichatti Hoogganaan Deeskii Misooma Midhaan Dibataa fi Oomishaan Boodaa Obbo Fissahaa Tolasaa qonnaan bultoota midhaan kana oomishan jajjabeessuu fi oomishtummaa dabaluuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Gosoota midhaanii qonnaan bultootni bal’inaan oomishan lafa mijataa adda baasuun kilaastaraan akka hojjatan taasisuu dubbataniiru.
Qonni kilaastaraa midhaan dibataa Heektaara Kuma 900 fi Kuma 30 irraa bara oomisha kanaatti gara Heektaara Miiliyoona Tokkoo fi Kuma 700fi Kuma 60’tti guddachuu ibsaniiru.
Dhiheesiin sanyii filatamaafi xaa’oo guddachuu kan eeran Obbo Fissahaan, qonnaan bultootaaf leenjiin kennamuus himaniiru.
Gama biraan, qonni waliigaltee sadarkaa qajeelfamaatti bahuusaa eeranii, bara oomishaa kanatti qofa naannolee Amaaraa, Oromiyaa fi BeeniShaangul Gumuzitti qonnaan bultootaafi daldaltoota midhaan dibataa oomishanii fi bitan kuma 1 fi 264 jidduutti waliigalteen mallatteeffamuu ibsaniiru.
Oomishoota indastirii fi al-ergii tarsiimawaa ta’an adda baasuun ulaagaa gabaan barbaaduun akka oomishaman deeggarsa gochuun qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jira jedhaniiru.
Hanqina dhiheessii sanyii filatamaa furuuf hojjatamaa akka jiru ibsuu isaanii TOI’tu gabaase.