Bakki Irreechi Hora Finfinnee itti kabajamu duulaan qulqulleeffame

You are currently viewing Bakki Irreechi Hora Finfinnee itti kabajamu duulaan qulqulleeffame

‎AMN Plus- Fulbaana 22/2018

‎Magaalaa Finfinnee Doloolloo Biddeenaatti bakki Irreechi Hora Finfinnee itti kabajamu Paarkiin Hora Finfinnee duulaan qulqulleeffameera.

‎Duula qulqullinaa kana irratti hoggantootniifi hojjattootni magaalaa Finfinneefi Kutaa Magaalaa Qiirqoos, abbootiin Gadaa, haadholiin siinqee, abbootiin amantii, artistoonni, Ambaasaaddarootni qulqullinaafi namootni hawaasa keessatti dhageettii qaban hirmaataniiru.

Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hoji Gaggeessaan M/Finfinnee

Inj.Wandimmuu Seettaa

Irreechi kan wal dhabe kan itti araaramu, nageenyi kan itti labsamuufi mallattoo tokkummaa keenyaati jedhanii hawaasa magaalichaafi abbootii Gadaa waliin ta’uun bakka Irreechi itti kabajamu qulqulleessuun qophii taasisuu ibsan.

Magaala Finfinnee Misooma Qarqara laggeeniifi Misooma Koriidariin Miidhagdeefi jiraattota isheef bakka jireenyaa mijattuu taate keessatti Irreecha Kabajuun Miidhagina Ayyaanichaa Dachaa Taasisaa Jedhan Injiner Wandimmuun.

Hoji Raawwachiisaa K/M/Qiirqoos Dr. Misikkir Nagaash

Biyyi Keenya Itoophiyaan Ayyaanota Miidhagaafi Qaalii Ta’an Qabdu Keessaa tokko Ayyaana IrreechaatiJedhanii, Ayyaanni Kun Biyya Keenyarra Darbee Ayyaana Hambaa Addunyaa Ta’edhaa Jedhan.

Daayirektarri Ejensii Bulchiinsa Qulqullinaafi Miidhaginaa Finfinnee Obbo Gazzaanyi Deessisaa Gamasaaniin Irreechi Miidhagina Biyyaati Kanaaf Bakki Ayyaanni Kun Itti Kabajamu Bal’isuufi Qulqulleessuun Miidhaksinee qophii taasifneerraa Jedhan.

Abbootiin Gadaa Haadholiin Siinqeefi Namootni Sagantaa kanarratti Hirmaatan Bakki Irreechaa Akkanatti Bal’atee qulqullaa’uutti Gammaduu Ibsanii Hunduu Araaramee Nagaadhaan Ayyaana Isaa Kabajee Akka Galuuf Waamicha Taasifnas Jedhan.

Abdiisaa Fufaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply