Yaa waaq-bobaa kee jalatti nu baadhu
Yaa waaq-dugda keetti nu baadhu
jilli kun nagaan haa hobba’u
Gadaan gadaa milkii haa ta’u
Yaa’iin kun yaa’ii nagaati
Irreechi irreecha nagaati
Tokkummaan tokkummaa nagaati
Waligalteen waligaltee nagaati
Irreecha kanarratti nu milkeessi
Birraan kaadhimaadha kaadhimaa kana nu ofkalchi
Irreechi nagaadha nagaan bobbaasi galchi
Gaarii wajjiin nu oolchu
Mana nagaati dhufnee mana nagaatti nu galchi
Namni nagaa haa ta’u
saani nagaa haa ta’u
Biyya keenya nagaa taasisi
Waraana hamaa nurraa qabi
Kan wal-dhabe haa araaramu
Qe’een keenya nagaa haa taatu
Hamaa nurraa qabi
Toltuu nutti qabi
Itoophiyaa nageessi
Araddaa nageessi
Nagaa dhugaa nu godhi
Barri bara nagaa
Gadaan quufaa Gabbina