AMN PLUS– Fulbaana 24/2018
Finfinneen ayyaanota Addabaaabaayii, hirmaattotaafi tuuristoota Addunyaa mara irraa dhufaniif miidhagina dabalataafi mijooftuu ta’uu Kantiibaa Adaanach Abeebee ibsan
Kantiibaa Adaanach ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Ayyaanni Irreechaa duudhaa aadaa isaa eeggatee haala miidhagina qabuun kabajamee xumuramuu ibsaniiru.
Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee uummata Oromoo qofa osoon taane bakka sabaafi sab-lammootni hedduu, daawwattootni biyyoota garaa garaa akkasumas qorattootni seenaafi aadaa argamanitti haala addaatuin miidhagee kabajamuun xumuramuu dubbataniiru.
Finfinneen misooma koriidariifi laggeeniin miidhagdee, ayyaanota addabaaabaayii, hirmaattota ayyaanichaafi tuuristoota biyyoota addunyaa mara irraa dhufaniif hawwattuufi mijooftuu ta’uu eeraniiru.
Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee haala miidhagaafi dammaqaa ta’een akka kabajamuufi duudhaa aadaa isaa eegee akka kabajamu gumaachan hundaaf, keessumattuu jiraattota Finfinneef galata dhiyeessanii jiru.