Sirni Galateeffannaa Irreecha Hora Harsadee Bara 2018 Magaalaa Bishoftuutti Eebba Abbootii Gadaa fi Haadholii Siinqeetiin eegalameera.
Irreechi ayyaana ummanni Oromoo Uumaaf galata itti dhiyeessu, dhiifama itti godhu, nagaa buusu, walitti dhufeenya walii cimsudha.
Irreechi baranaa kaleessa Finfinneetti mata duree “Irecha Olka’iinsa biyyaaf” jedhuun kabajame, har’as magaalaa Bishooftuutti Hore Harsadeetti kabajamuu eegaleera.
Firehiwoot Biraanuutiin