Chaayinaan barsiisota soorama ba’an kuma 7 deebistee qacaruufi

You are currently viewing Chaayinaan barsiisota soorama ba’an kuma 7 deebistee qacaruufi

AMN PLUS – Fulbaana 27/2018

Chaayinaan barsiisota soorama ba’uun boqonnaarra jira kuma 7 deebistee qacaruuf akka jirtu ibsite.

Barsiisotni kunniin, barattoota baadiyyaa Chaayinaa keessatti argaman akka barsiisaniif irra deebiin hojiif kan waamaman ta’uu Ministeera Barnootaafi Faayinaansii eeruun Shiinuhaan gabaaseera.

Karoorri kun hojiirra oolmaa sagantaa qulqullina barnootaa baadiyyaatti guddisuuf ALAtti bara 2018’tti qabame milkeessuuf akka ta’e himameera.

Sagantaan kun barsiisota, qindeessitoota manneen barnootaafi qorattoota umuriin isaanii hanga 65 jiru kan hammatu ta’uu ibsameera.

Barsiisotni soorama bahan kunneen gandoota baadiyyaa sadarkaan guddinaa isaanii gadi aanaa ta’e, naannoowwan daangaafi hanqinni meeshaalee barnootaa argamutti ergamuun barattoota barsiisuun eegama.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply