Kantiibaa Adaanech qaamolee milkaa’ina taateewwan Finfinneef gumaacha taasisan galateeffatan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech qaamolee milkaa’ina taateewwan Finfinneef gumaacha taasisan galateeffatan

AMN Plus – Fulbaana 28/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee taateewwan magaalaa, biyyaalessaafi idil addunyaa Finfinneetti qophaa’an akka milkiin xumuramaniif qaamolee gumaacha taasisan galateeffatan.

Baatii Fulbaanaa keessa ayyaanitni Masqalaafi Irreechaa akkasumas hitmaattota kuma 25 ol kan keessummeesse yaa’iin Jijjiirama Qilleensaafi Yaa’iin dureewwan Afriikaa- Kaariibiyaan milkaa’inaan xumuramaniiru.

Addababa’ii Masqalaatti Sagantaan Amantoota Warra Wangeelaa, Hiriirri Gammachuu Hidha Haaromsaa, Ayyaanitni Masqalaafi Irreechaa Hira Finfinnee obbolummaan irratti mul’achuun bifa miidhagaan keessummaa’uus eerameera.

Milkaa’ina taateewwan kanneeniif qaamolee gumaacha taasisan mara Kantiibaa Adaanech galateeffachuu Odeeffannoon Waajjira Kantiibaa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply