Itoophiyaan daldala bilisaa Afriikaatiin yeroo jalqabaaf oomisha erguu eegalte

You are currently viewing Itoophiyaan daldala bilisaa Afriikaatiin yeroo jalqabaaf oomisha erguu eegalte

‎AMN Plus- Fulbaana 29/2018

‎Itpophiyaan har’a irraa jalqabdee Naannawa daldala bilisaa Afriikaa AfCFTA jalatti oomisha biyyoota Afriikaaf erguu eegalte.

Sirna jalqabbii kana irratti Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aaanaatti Qindeessaan Giddugala Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pirezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah, Ministirri Geejjibaafi Loojiistiksii Alamuu Simee (Dr) fi Ministirri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Kaasahun Goofee (Dr) argamaniiru.

Itoophiyaan Waliigaltee Naannawa Daldala Bilisaa Afriikaa (AfCFTA) miseensa ta’uunidhee kan yaadatamu yoo ta’u daldalli bilisaa daangaa ce’u akka geggeeffamuuf guyyaa har’aa eegalchiisteetti.

Ministirri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Kaasahun Goofee (Dr) naannawaan daldala bilisaa Afriikaa eegalamuun al-ergii Itoophiyaa saffisiisa jedhan.

Daldala alaa Itoophiyaas haalaan guddisuun fayyadamummaa gabaa Afriikaarraa daran akka qooddattu taasisas jedhaniiru.

Itoophiyaan Daldala Bilisaa Afriikaa eegaluushee hordofee oomishni foonii, kuduraafi muduraa, Buna, oomishni midhaan dibataa Kaargoo Daandii Qilleensaa Itoophiyaafi Geejjiba lafarraan gara Keeniyaa, Somaaliyaafi Afriikaa Kibbaatti ergameera.

Madda: TOI

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply