AMN Mana Maree Magaalaa Finfinneerraa beekamtiifi badhaasa argate

You are currently viewing AMN Mana Maree Magaalaa Finfinneerraa beekamtiifi badhaasa argate

AMN Plus – Onkoloolessa 03/2018

Manni Maree Magaalaa Finfinnee Addis Miidiyaa Neetiwork dabalatee dhaabbilee mootummaa itti waamamni isaanii mana marichaaf ta’an Shaniif beekkamtiifi badhaasa kenneera.

‎AMN Sagaleen Dhalootaa sochiiwwan magaalaa Finfinnee ijaaf gurra uummataa ta’uun hojii hojjeteen badhaafamaa addaa ta’eera.

Beekamtiin kun kan kenname raawwii olaanaa hojii bara 2017 irratti hundaa’uun yoo ta’u, Af-Yaa’iin Mana Marichaa Aadde Buzeenaa Alkaadir, “Dhaabbileen kunneen akka magaalaattis ta’e akka biyyaatti shoora olaanaa waan bahataniif beekamtiin kan kenname” jedhaniiru.

‎Dhaabbileen beekamtiin kennameefis AMN, Waajjira Oodiitara Muummichaa, Yaa’ii Komii Fuudhaa Dhimmoota Beenyaafi Lafa Gadhisiisuu, Komishinii Farra Malaammaltummaa fi Mana Murtii Dhaddacha Ol Iyyannoo fa’i.

‎Manni marichaa milkaa’ina karoora hojii bara 2018’f dhaabbilee Mootummaa itti waamamni isaanii mana marichaaf ta’an waliin waliigaltee hojiis mallatteesera.

‎Sisaay Dirribaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply